Itoophiyaan saatalaayitii sadaffaa gara hawaatti erguuf qophii irratti kan argamtu ta’u, Institiyutiin Saayinsii fi Teknoloojii Hawaa biyyattii beeksiise.
Dhaabbatichatti Daareektarri Ittaanaan Yeshuruun Alamaayoo (Dr) BBCtti akka himaniitti, saatalaayitii sadaffaan ETRSS-2 jedhamuun beekamtu tunis akkuma saatalaayitiiwwan kana dura hawaatti ergamaniitti qorannoo dachee taasifti.
Ittigaafatamaan kun saatalaayitiin tibbanaa tunis kan kana diraa caalaa fakkii fooyya’aa ergu akka dandeessuu eegama jedhan.
Itoophiyaan kana dura saatalaayitiiwwan ETRSS-1 fi ET-Smart-RSS jedhaman gara hawaatti ergun ni yaadatama.
Saatalaayitiin wagga sadiin dura gara hawaatti ergamtes turtiin ishee wagga lamaafi walakkaa yoo ta’u, hanga ammaattis tajaajila kennaa jiraachu kan ibsan daarektarichi, saatalaayitii lammaffaan garuu baatii jaha keessatti tajaajilashee xumuruun dabartee jirti jedhan.
Itoophiyaan seenaa jalqabaa isheetti saatalaayitii ETRSS-01 jedhamu buufata saatalaayitii Chaayinaa irraa gara hawaatti kan furgugsite waggoota afuriin dura ture.
Saataalaayitiin sunis tajaajila ragaa qonnaafi albuuda, eegumsa naannoo fi haala qilleensaa akkasumas qorannoo teessuma lafaatiif ta’an hanga yoonaatti kennaa jirti.
Saataalaayitiin sunis mootummaa Chaayinaatiin kan ijaaramte yoo taatuu, adeemsa ijaarsaa keessatti garuu oggeessoonni Itoophiyaa hedduun Chaayinoota waliin ta’un gummaacha olaanaa taasisuu isaanii Dr Yeshiruun ibsaniiru.
Amma ammo saataalaayitii sadaffaa ijaaruuf qophiin taasifamaa jiraachu malee raga bal’aa hin kennine.
Saataalaayitiin Itoophiyaa jalqabaas doolaara miiliyoona jaha Chaayinaa irraa kennaan argame dabalatee walumaagalatti doolaara miiliyoona 210 akka itti bahee yeroo sanatti ibsamee ture.
Daareektarri Ittaanaan kun akka jedhaniitti, saatalaayitii sadaffaa erguun sababiin itti barbaachise waan umurii isheetiin ol dabarsuu tajaajila irratti kan argamtu sana bakka busuuf jedhan.
Karoora kana milkeessuufis qorannoon sadarkaa tokkooffaa gaggeeffamuu fi qophiin ijaarsaaf barbaachisu taasifamaa jiraachu dubbatan.
Pirojektiin ijaarsa saataalaayitii tanaas hanga wagga sadii fudhachuu danda’a kan jedhan Daareektarri ittaanaan kun, wagga sadiin booda fakkii fooyya’aa erguu ni dandeessi kan jedhamte saatalaayitii ET-Smart-RSS gara hawaatti erguuf karoorri qabamu himan.
Saatalaayitiiwwan kana dura ergaman fakkiiwwan osoo Hidha Guddichi Abbayyaa hin guutamiin dura turan erguu dabalatee, eegumsa naannoo, qonnaa fi misooma magaalaatiif akkasumas fakkiiwwan hojii dhaabbilee biraatiif barbaachisaa ta’an ergusaaniifi bu’a qabeessa akka turan Ittigaafatamaan kun dubbataniiru.
Itoophiyaan osoo saatalaayitii mataashee hin ergiin dura ragaale kanneen biyyoota saataalaayitii erguun fakkii kaasan irraa bituun fayyadamaa turuu oggeessonni ni yaadatu.
Waggaa waggaatti raga saatalaayitii bituudhaaf dolaarri miiliyoona 250 baasii taasifamaa kan ture yoo ta’u, innis wagga gara waggaatti dabalaa akka ture oggeessonni damee kanaa qorannoo kana dura hojjatame eeruun dubbatu.
Biyyoota afriikaa keessaa qorannoo hawaatiin Naayijeeriyaa, Afriikaa Kibbaa, Aljeeriyaa fi Masriin maqaa gaarii kan qaban yoo ta’u Itoophiyaanis keessatti argamti.
Saatalaayitiin qorannoo dachii erga dachee abuureen booda odeeffannoo fakkiin erga.
Bu’aaleen saataalaayiitii maali fa’i?
Qrannoon hawaa dameewwan addunyaarrtti ariitiidhaan hammayyaa’aa jiran keessaa ta’utu himama. Ilmaan namaatis dachii irra jiraatuun alatti fedhii dabalataa argachuuf fedhii olaanaa qaburraa ka’uun hawaa sirriitti baruuf yaalii taasisa.
Kanaaf ammo saatalaayitiin meeshaa isa muummeedha. Gaheen saatalaayitii qorannoo daches hawaa irra ta’un dachii abuuruudha.
Ragaalee walitti qabuun gara lafaatti haala fakkiitiin ergun gabaasa taasisa.
Akka jecha oggeessaatti, saatalaayitichi faayidaawwan damee hedduu qaba.
Kunis jijjiramaa qilleensaa to’achuuf, balaawwan umamaa osoo hin mudatiin dura dursanii raaguuf, nageenya eegsiisuufi kaaniif ni fayyadu.
Kana malees biyyoota akka Itoophiyaa qonni madda galii mummee ta’eetti naannoon maki caalaa omishaaf kan ta’u akka ta’e adda baasuuf ragaaleen saataalaayiti barbaachisaa ta’utu himama.