Fiishiingi-Yakka Saayiberii Gamsiisaa (Phishing Attack- Rocking Cyber Crime)
Jaarraa keessa jirru kanatti wantoota gurra namootaa argatan keessaa hangaftii fi hedduu yaadessaan waa’ee yakka saayiberiitti (cyber attack) yoo jenne wal nu hin falmisiisu. Haa ta’uutii yakki kun maaliif namoota ykn biyyoota hundumaa, xiqqaa hanga guddaa, hiyyeessaa hanga duuressaatti dhiphise? Furmaata waaraa maaliif dhabe? Yoom yaaddoon isaa addunyaarraa caba? Jennee yaaduun Keenya waan hafu miti. Kanumarra darbee agarsiistuun qorannoo damee kanaa tokko tokko sababnii fi dirreen waraana addunyaa sadaffaa dhimma kana ta’uu mala yoo jedhan daran rifaatuu uumuun isaa hin oolu.
Gosoota rawwii yakka kanaa keessaa adda dureen kan himatamu, irra deddeebiin kan rawwatamuu fi yakkamtootni balaa ykn saamicha kana rawwachuuf baasii salphaa qofa kan gaafatu fiishiingii ykn odeeffannoo kiyyeessuu yoo ta’u, yakkoota saayiberii biroon yoo wal cina ilaalamu yakka dulloomaa (old fashioned crime) jedhamuun beekama. Haa ta’u malee yakki kun guyyaa gara guyyaatti bifa waan jijjiirratuuf namootni haala wal fakkaataan irra deddeebiin yeroo gowwoomfaman ykn saamaman ni mul’ata.
Fishiingiin Akkamitti Raawwatama ?
Akkaataa yakki kun itti raawwatamu hubachuuf yaadrimee moggaasa maqaa isaa yoo ilaalle salphaatti xiinxaluu dandeenya. Innis “Phishing” jechi jedhu moggaasa afaan Ingiliffaa yoo ta’u hiikkoo jecha “fishing” ykn qurxummii kiyyeessuu kan jedhu irraa fudhatame. Kunis adeemsi rawwii yakkicha hojii qurxummii kiyyeessuu wajjin wal fakkeenya waan qabuufi. Hojii Qurxummii kiyyeessuu keessatti wantootni ijoon sadii murteessoodha. Inni jalqabaa galaana ykn haroo dha sababnisaa galaana malee qurxummii argachun waan hin danda’amneefi. Kan lammataa Kiyyoodha, innis qurxummii galaana keessaa harkisanii baasuuf gargaara. Inni sadaffaan midhaan ykn raammoo fiixee lilmoo kiyyoo irratti diramte qurxummii ittin gowwoomsanii kiyyoo akka liqimsu taasifamuuti. Karaa biraa kiyyoo duwwaa galaana irratti yoo darbatame qurxummiin waan hin liqimsineefi, haaluma kanaan Wantootni kun sadan yoo haalaan wal simatan kiyyeessituun qurxummii qabachuu danda.a jechuudha.
Gama mata duree keenyaatti yommuu deebinu, galaanni akka yaa’a odeeffannoo (Internet network), kiyyoo akka sarara walqunnamtii miidiyaa hawwaasaatti yoo fudhanne, midhaan fiixee kiyyoo irratti diramte galaanatti darbatamtu ammoo akka ergaa dijitaalaa(email or link) karaa miidiyaa hawwaasaa ergamuutti yaa fudhannu. Kaayyoon kiyyeessitootaa (hackers) odeeffannoo dhuunfaa namootaa ykn dhaabbatootaa butuu ykn maallaqa hatuu waan ta’eef akkuma namichi qurxummii kiyyeessu midhaan kiyyootti diree galaanatii darbachuun qurxummii gowwoomsee qabachuuf yaalu, isaanis odeeffannoo bifa mimidhagaa qaban, beeksisoota hawwatoo ykn liinkota dhugaa fakkaatanii namootni yeroo banan odeeffannoo dhuunfaa kannean akka maqaa fi jecha darbii (user name & password) akka galchan affeerantu ergama. Miidhamaan(victims) haala san hin hubanne salphaadhumatti odeeffannoo fi qabeenya dhuunfaa isaa saamtota kanneen afaan buusa jechuudha.
Kana qofaa osoo hin taane liinkota ergaman irratti yeroo cuqaasan ykn beeksisoota ergaman yoo banan icciitiidhaan qaama odeeffannoo bilbilaa ykn kompiyuteraa kiyyeeffamtoota (victims) ta’anii dhoksaan fe’amanii odeeffannoo basaasuufi dabarsanii kennuuf kan tajaajilan mosaajotatu ergama. Asitti dhimmi hubatamuu qabu tokko namootni yeroo baay’ee miidiyaa hawwaasaa fi bilbila isaanii irratti jecha darbii fi odeeffannoo icciitii isaanii ol kaawwatu, akkasumallee bilbilli ykn kompiyuuterri isaanii akka isaan yaadachiisu (Autho save password/remember password) yaadachiiftuu jecha darbii fayyadamu. Haalli akkasii ammoo hojii kiyyeessitootaa (hackers) salphisuun alatti, saamicha dabalataa uumuuf haala mijjeessa.
Fishiingii Ittisuuf Maal gochuu Qabna?
1. Yeroo hundaa liinkota ykn ergaawwan nuuf ergaman banun dura liinkota kanneen dhugaa fi dogoggorsiisoo ta’uu isaani adda basun barbachisadha. Kunis yeroo heddu kiyyeessitootni liinkii dhuga fakkesuun kan mata isaani ummun gara nama kiyyeessu barbadanitii wan erganiif fulii liinkii ergame kaa warabame ykn kaa bira wajiin wal fakkeffame ka hojjetame dha, garuu URL(linki marsaritii) wal fakkataa(the same URL) jirachuu wan hin dandenyeef birsagoota muraasa itti dabalun ykn hir’iisuun dogoggorsiisanii waan erganiif salphati adda baasuun ni danda,ama. Fakkenyaaf, linkii feesibuuki inni sirriin kam akka ta’e ni beektu?
Liinkii kiyyessitootni nutii ergan kaa hangafa san ta’uu hin danda’u. ka doggogorsisuuf ykn gowwomsuuf ergamu qubee itti dabale ykn hir’ise ergaa jechudha. Kanafu liinkii ergame banuu kenyaa dura mirkaneessu qabna jechudha.
2. Ulaagalee jechoota darbii sadarka isaani egaatan fi gosoota furtu miidi’a hawassuma fi akkawuntoota digitala(Credit cards, digital accounts) keenya lama fi isaa ol (Two factor Authentication-TFA & multifactor Authentication-MTA) fayyadamu qabna. Kunis, milka’eefi kiyyeessitotni yoo jechaa darbii Keenya argatan dabalatan ulaagaa sensa biro kan akka ashara quba ykn raga fulaa(face recognition) waan gafatuuf guttumati galmaa barbadan ga’uu hin danda’ani jechudha.
3. Ergaawwan fi beksisoota madda(unkown source) in beekamnee irra ergaman banuu dhiisuu. Yoo banun dirqama ykn barbachisaa ta’e dursani kopha’uu jechuunis dattawwan barbachisoo bakka biraatti kuufachu(backup) fayerwooliifi anitiivayireesii ammansisaa qabachuu mirkana’uufi liinkicha banuun booda yoo jecha darbi(user name & password) gafate galchu dhiisuu.
4. Leenjiiwwan fi barnoota damme kana hordofuu. Sababisa yakki dame kana guyya gara guyya bifa jijjirata wan demuuf hubbanoo ga’afi beekuumsa wayitawwa qabachuun balaa qaqqabu danda’uu irra nu hambisuu danda’a.
Heertuu
Heertuu barreeffama kanatiin leenjiiwwani fi waraqa raga Ittisa balaa sayberaa(cyber security training & certifications) akka addunyaatti dorgoomaa isiin tasisani fi bay’ee barbachisoo ta’an isinii tarreessina.
1. Certified Ethical Hacker(CEH)
2. CompTIA security+
3. GIAC/GSEC
4. CISSP
5. EC Council/ECSA
6. CISM/ISACA
Hubachisa: – jechootni barreeffama kana keessatti barreessan barru kana itti fayyadame tokko tokko kallattuman jecha afaan ingiliffaa tahan hiikko isanii hanga danda’ame hima afaan oromoon ibsuuf yaalameera, haa ta’u malee haalli kun gara fula duratti fooyya’aa akka deemu waadaa keenya ta’u ibsaa, afaan keenya dame teeknoloojii keessatti waaltessinee dhalootaf dabarsuun dirqama hunda keenya waan ta’eef jechoota teeknoloojii ammati afaan ingiliffaan ibsaman hiikko isaani (hikka jecha qeenxeen) saanduqa yaada(comment box) keessatti akka nuuf katabdan isin gaafana!