Telegram irraa osoo hin bahin akkasumas application email kan biraa osoo nu hinbarbaachisiin akkamittiin Telegram irratti email keenya fayyadamuu dandeenya?
- Step 1: Telegram fayyadamaa jirru irratti Gmail Bot jennee search gochuun kanneen nuuf dhufan keessaa isa verified✅ ta’e filachuudhaan Start jenna.
- Step 2: Authorize me kan jedhu yeroo dhufu isa xuquudhaan yeroo liinkiin nuuf dhufu open gochuu.Innis kallattuman gara google account keenysa nu geessa.
- Step 3: (Sign in with Google) Google email fi password keenya akka nuti galchinee login goonu nugaafata. Sanas galchuudhan next jenna.
- Step 4: Namni authentication jechuunis hojii kana hojjechaa jiru nu ta’uu fi nama biraa(hacker) ta’uu isaa mirkaneeffachuuf google flannoolee 3 nuuf dhiyeessa. Isa keessa kan jalqaba irra jiru filachuudhaan koodiin kallattumaan akka bilbila keenya irratti nuuf ergamu gochuu qabna.
- Step 5: Code nuuf ergame kana bakka duwwaa irratti guutuudhaan Next jenna.
- Step 6:Fuula itti aanu irratti make sure that you trust Gmail Bot for telegram kan jedhuf Allow filanna.
- Step 7: Amma gara telegraamiitti (redirect)nudeebisuudhaan Gmail Bot Yeroo lammaffaadhaaf akka nuti Start goonu nu gaafata
- Step 8: Yeroo lammaffaaf Start jechuudhaan amma irra eegalle email nuuf ergame ilaaluu fi namoota kaanif ille attach gochuu dandeenya.