
Addunyaarratti fayyadamtoota hedduu kan qabu WhatsApp’n fayyadamtoonni intarneetiin jalaa citulleen ergaa akka wal jijjiiran na dandeessisa jedhe.
Appiin miidiyaa hawaasaa abbummaa Meetaa jala jiru kunis taateen akka ‘Iraaniitti mudatee sun lammatta’ hin mudatu jedhe.
Kubbaaniyaan tekinolojii guddichi mootummoonni intarneetii adda kutuus ta’e, dhorkaa kaa’anis sarvariiwwan bakka biraatti argamuun namoonni akka WhatsApp fayyadamuu danda’an ni taasifama jedhera.
Oggeessi teknolojii Juraas Julaseenaas, WhatsApp’n kana taasisuun isaa namoonni biyyoota intarnetiin keessatti adda citu keessa jiraatan bilisaan ergaa akka wal jijjiiran gargaaruuf jedhan.
Namoonni addunyaa maratti argaman walitti dhufeenyi intarneetii isaanii qaamoolee kaayyoo biraa qabaniin adda kutamulleen, tajaajilli intarneetii isaanii akka itti fufu kan dandeessisuudha jedhan oggeessi kun.
Ibsa dhaabbatichi tajaajila isaa haaraa ifa akka taasisu beeksise kanaan, namoonni mirgi namoomaa isaanii eegamu akka qabu ibsee, gochaa sanaan ‘‘namoonni deeggarsa ariifachisaa akka hin argannee taasifamaniiru’’ jedheera.
WhatsApp ‘‘namoonni bilisaan ergaa akka wal jijjiraniif’’ tola ooltoonni sarvarii proxy akka arjoomaniif gaafateera. Sarvariin akkasiis sanas attamiin hojiitti galchun akka danda’amu gorsa kennuuf qophiidha jedhan.
Karaa sarvarii proxy jedhamuutiin wal qunnamuun nateenyaa dhunfaa olaanaa fi nageenya WhatsApp’n kennuun walfakkaataadha’’ jedha dhaabbatichi.
Ergaawwan dhunfaa nama erguufi nama ergaa simatuun alatti WhatsAppii fi sarvarichaan argamu akka hin dandeenye ibsuun, iccitummaan ergichaa kan eegame ta’usaa ibsa.
Appiin WhatsApp ji’atti fayyadamtoota si’aawoo biiliyoona lama ta’an qabaachuun addunyaarratti appii ergaan itti darbuu kan sadarkaa tokkooffaa ta’u ragaaleen ni himu.
WhatsAppiitti aansees Wechat fayyadamtoota biiliyoona 1.2 fi Messenger facebook ammoo fayyadamtoota miiliyoona 988 qabaachuun sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa irratti argamu.
Appiin kunis namoonni karaa barreeffamaatiin ergaa akka waliif ergan, karaa sagaleefi viidiyootiin waliif akka bilbilaniif dandeessisuun alatti fakkiileen waliin eruuf ni dandeessisa.