
Ji’oota sadan darbanitti hoggantoota biyyaafi dhaabbilee idil addunyaa dabaltee namoonni miliyoona 1 ta’an Muuziyeemii Saayinsii Biyyaalessaa daawwachuu Insitiitiyutii Intalajensii Artefishaalii Itoophiyaa beeksise.
Muuziyeemiin Saayinsii Biyyaaleessa ji’a fulbaanaa darbe Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin eebbifamee hojii jalqabuun isaa ni yaadatama.
Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad yeroo eebba kana akka himanitti Muuziyeemichi jiddugalaawwan daa’immaniifi Dargaggoonni yaala kalaqaa isaanii akka itti shaakalanfi itti gabbifatan akka qaban eeranii kunis Itoophiyaa kana caalaa fooyyee qabdu uumuu keessatti bu’uura kan kaa’udha jedhanii ture.
Haala sosochii muuziyeemichi yeroo ammaa itti jiru ilaalchisuun daarektarri kominikeeshinii Instiitiyutii Intalajensii Artefishaalii Itoophiyaa Tasfaayee Zawudee turtii TOI waliin taasisaniin Muuziyemiin Saayinsii kun haga ammaatti egzibishinii itti fufeen sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa taasisuu kan danda’u tekinolojiwwan kalaqaman dhihaachaa jira.
Muuziyemichaaf Fayyaa, Robaatik, Barnoota, Faayinaansii, Qonna, Geejiba, Nageenyaafi damee biroo irra dhihaachuufi himanii kalaqaawwan kunneen rakkoo biyya keenyaa qofaa osoo hin taane rakkoo aardichaas ofiin furachuun akka danda’amu kan agarsiisanidha jedhaniiru.
Instiitiyutiin Intalajensii Artefishaalii Itoophiyaas kalaqaawwan 20 muuziyemichaatti agarsiisaaf dhiheessuu himaniiru.
Muuziyeemichi erga ifatti hojii erga jalqabee ji’oota sadan darbanitti hoggantoota biyyaa, dhaabbilee idil addunyaa, Gaazexeesitoota biyyoota 18 walitti dhufan, Baratoota, Qoratoota damee kanaa dabaltee namoonni miliyoona 1 ta’an daawwachuu himaniiru.