Tajaajili geejiba balalii qillensaa addunyaa wal qunnamsisuf filannoo si’ata fi dorgommaa hangafa ta’uun eerama. Teeknolojiin kun bu’aa ba’iifi Ifaajji heddu qorattooni damee kanaa taasisanin sadarka har’a irra jiru kan dhaqqabe yoo ta’u , kessattu gama safisa, ammanamumma fi milka’ina balaliittin jijjiramni yeroo gara yerootti galmeefame ajaab kan nama jechisiisudha.
Haa ta’u male, rakkolee teeknika, hir’inaa ga’umsaa oggumafi dhiibba ummama muddatun Balan darbee darbee ummamu, namootni waa’ee teechnolojji kanaa akka caalmatti yaadan akkasumas yaada’an taasiseera. Fakkenyaaf, Hirriya ykn firri keessan biyya hambatti gaafa dhufu turtii inni qillensa irratti taasisu isiin yaachise Beeka? Essaa gaheera laata ? Sa’a meeqati gaha laata? Bufata xiyyarra deeme sa’aa meqatti simmadhu? Jettanii of gafatani beektu? Kana qofa osoo hin taane odun Xiyyaari kufe ykn butame(hijacked) jettu isin quunname beeka ta.a. Gaaffile kanneni fi oduu rifaasisoo akkasi gaafa dhageenyu gaaleewwan kannen akka “Essaa ? Biyya kam? Sa’a meeqatti ? fi kkf gara sammu keessani dhufu malu.

Maarre teeknoloojiin hordoffii balalii xiyyara kunis gaafiwwan kannen deebisuuf akkasumaas xiyyari takka bakka ka’umsa isaa irra ka’ee bakka buufata isaa hanga dhaqqabuti turtii inni taasisu hordofuun oddeeffanno si’awwa(real time) ta,e dhihessuf kan kan tajajiluudha. Oddeeffanoo si’ato teeknoloojji kun maddisisuu qabbiyyen isaani irra jireesaan xiyyaaroota kam faa balalli irraa akka jiraan, bakka ka’uumsafi bakka ga’uumsa isaanii, Safisaa hagamiittin akka balali’a jiraa, fageenya longiitiyudinal fi laatiitudinalii hagamii irraa akka jiraan fi tilmaama yeroo isaan itti qubachu danda’anii kan ibsuudha.
Fayidaalee gurguddo teeknoloojji kana kessaa hangafti, Xiyyaarootni gaafa balali’aan sammi kessatti akka walitti hin bu’anii bala hin geessisne kallatti, fageenya fi saffisaa xiyyaroota maddi fi fulaa dura dhufanii akkeekun hordooftoni balalii qillensa oddeeffanno wayitawwaa balalistoota xiyyaraaf akka dhaqqabsiisan taasisa, akkasumaas sa’aatti xiyyarii buufata isaa ga’u ykn qubaatu dursee beeksisun xiyyarootni rakkoo malee milka’inan akka qubatan gargara. Gama biraattin xiyyarootni qillensaa irraa osoo jirani rakkon yoo isaan qunname akkasuma dandii fi kallatti balalii isaani yoo jijjiran, yoo Kufan ykn butaman hordoofuuf ni tajaajilu. Kana qofa osoo hin taane birmadumma biyyota eguu kessattiille biyyotni garagara xiyyarootnii kam faa dangaa sammi biyya isaanii keessa balali’a akka jiranifi kannen eyyaama argata ta’uu isaani oddeffanno kan kennu wan taheef biyyotni xiyyaroota eyyamma malee danga biyya qaxammuran ykn qubatan hordofuuf ykn tarkanfii fudhachuu akka danda’an gargara.

Gama fayida namoota dhunfa jechuunis Immaltootafi maati immaltootatin yoo ilaale immaltootni ergaa balali jalqabanii qunnamun laayyo wan hin taneef salphadhumati oddeffanoo bu’uura xiyyarra isaan ittin balali’ane dursinee yoo beekne, fkf lakkofsa balali, gosa xiyyara, bakka ka’umsa, yeroo ka’umsa fi bakka ga’uumsa baruun, haala qabatama wayitawwa xiyyaricha beekun akkasuma sa’a ga’umsa isaanii xilmaamuun burjaajjii yeroo simmana namoota bufata xiyyara hambisuun ni danda’ama.
Teekinolojiin kun akkamitti hojjeta?
Teeknoloojiin hordoffii balalii xiyyara qabbiyyeewwan gurguddoo gara gara of kessaatti hammatta. Isaaniis
1, Saatalayitoota nam tolchee kannen samii kessaa ta,aanii oddeeffano wayitawwa haala qillensaa fi xiyyaroota sammi kessa balali,anii wirtuu tamsasaa oddefanoofi akkasuma meshaa oddeffanoo xiyyarra qindeessuf qoodaniitti.
2. Meshaa oddeeffanoo wayitawwa xiyyaara qindeessu kan ADS-B(automatic dependent surveillance-broadcast) jedhamuu haala qabatama wayyitawaa xiyyara fi oddeffanno bu’uura xiyaara kaneen akka lakkofsa balali fi kaneen biro waliin dabaaluun qindeessuun wirtuu sassabii oddeffanoof(receiver) erga.
3, Wirtuun sassaabi oddeeffanoo( receiver) ammo oddeffanoollee satalayittifi ADS-B waliitti qindeessuun wirtuu tamsaasa oddeeffanootti ol kuusa. Dhummaratii oddeeffannoon qindaawwafi wayitawa ta’ee gama fuula moosaajji hordoffii balalii xiyyarra(flight tracking system) ttin tamsa’a jechudha.

Xiyyaarrota hunduma teekinoloojii kanan Hordofuun nii danda’ama ?
Teekinoloojin kun xiyyaaroota daldaala(commercial Aircraft) qofa hordoofuuf fayyada. Kessattu xiyyarootnii ammayyahoo hin taane Meesha oddeeffanoo qindeessuu(ADS-B) waan hin qabneef teekinoloojii kanan hordoofuun hin danda’amu. Kana qofa osoo hin taane xiyyarootni waraanaas (military aircrafts) iccitti fi galmaa isaanii milkaa’iinan akka ba’aaniif jecha teekinoolojii kanan hordofuun hin danda’amu. Yaa ta’uu malee xiyyarootni kaneen hin hordofaman jechuu mitti.
Heertu
Heertuu barreeffama kanattin mossajootta tolaa (free flight tracking systems) tajaajila hordofii fi oddeffannoo balali qilleensa kennan keessa kannen adda duree ta’aan isiinif qodna isiinis itti dhimma akka baatan abdii Kenya!
1. Flightradar24
2. Planefinder
3. Flightstats
4. The Flight Tracker Pro
5. Flightview
6. Flightarrivals
7. Google flight tracker