Dirooniin maali?
Dirooniin meeshaa qilleensarra balali’u yommuu ta’u gargaarsa Balaliisaa (Pilot) fi gargaartota keessoo tokko malee kan oofamuu dha. Dirooniin kun garee to’attootaan meeshaalee garaagaraa gargaaramuun lafarraa (ground base) kan to’atamu yommuu tahu, sirnii fi meeshaa kun walumaa galatti Unmanned Aircraft System(UAVs) jedhama. Dirooniin qilleensarra jiru tokko radiyoo siginaali fayyadamuun qama isa to’atu faana walquunnama.
Dirooniin jalqabaa Kettering Bug (boombii baattuu) jedhamtu bara 1918 kan oomishame yommuu ta’u itti fayyadamni diroonii kanaas karoorfamee kan ture Waraana addunyaa tokkoffaaf kan karoorfamee yoo ta’ellee garuu hojiirra otuu hin ooliin hafeera.
Diroonii maaliif fayyadamna?
Diroonii dizaayinii fi skaayyoo oomisha isaanirratti hundaa’uun faayidaalee garaagaraaf oolchuu ni dandeenya. Kanarratti hundaahuunis itti fayyadama diroonotaa bakka garaagaraatti hirree ilaaluu ni dandeenya. Isaanis:
Diroonii dizaayinii fi skaayyoo oomisha isaanirratti hundaa’uun faayidaalee garaagaraaf oolchuu ni dandeenya. Kanarratti hundaahuunis itti fayyadama diroonotaa bakka garaagaraatti hirree ilaaluu ni dandeenya. Isaanis:
- Humna waraanaa fi ittisaaf: akkuma beekamu dirooniin keessoo isheetti nama baattee waan hin deemnee fi akkasumas bakka kennameefi dandeettiin osoo hin argamiin(Raadaarii irratti) dhaqxee rukuttee deebi’uuf dandeetti olaanaa waan qabuuf filatamaadha. Akkasumallee akka basaasuuf ijaatti ni tajaajilti.
- Hawaa Abuuruuf: akkuma beekamu NASAn pilaaneetota kan biroo namni irra qubachuu hin dandeenye dronota erguun qo’annaaf ittiin fayyadama.
- Suuraawwanii fi Surs-sagaleef: kun ammarra biyyoota guddatan keessatti beekamaa kan ta’ee fi fiilmiiwwan garaa garaa Bakka namni hin geenye gahuun meeshaa kana fayyadamuun kan waraabamaa jiru yommuu ta’u baayyee faayidaa guddaa qaba.
- Beeksisaaf
- Ittiin bashannanuf fi kkf…
Qaamolee Diroonii:
Dirooniin gosa garaagaraa kan qaban yommuu ta’u garuu dirooniin baayyinaan meshaalee isaan ofirraa hin dhabne ni jiru. Isaanis mootora, Anteenaa, kaameeraa, GPS to’attuu, saffisa to’attuu, Baatirii fi seensaroota garaagaraa ofirratti qabu.
Walumaa galatti diroonota guddinaa fi gosa isaaniirratti hundaahuun bakka afuritti qooduun ilaalla: isaanis:
- Multi rotor: naannesituu(mootora) sadiifi isaa ol kan qabu
- Single Rotor: naannessituu (mootora) tokko kan qabu
- Fixed-wing drones: boca xiyyaaraa kan qabu
- Fixed-wing Hybriddrones: boca xiyyaaraa fi Ilikooftaraa kan qabu